Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Jimmaatti balaa ibiddaa qaqqabeen qabeenyaa irratti miidhaan qaqqabe

Finfinnee, Bitootessa 7, 2014 (FBC)- Magaalaa Jimmaatti balaa ibiddaa qaqqabeen qabeenyaa irratti miidhaan qaqqabuu poolisiin ibseera.

Balachi seensa Bishiishee irratti kan qaqqabe yoo ta’u, duunkaanoota uffataa fi shaqaxaa naannichatti argaman  guutumaan guutuutti barbadaa’aaniru.

Balacha too’achuuf jiraattoonni magaalaa Jimmaa qaamolee nageenyaa waliin ta’uun tumsa cimaa gochuusaanii daayireektarri daayireektoreetii qajeelcha poolisii magaalaa Jimmaa komaandar Fufaa Magarsaa dubbataniiru.

Sababni ka’umsa balachaa fi hangi qabeenyaa barbadaa’ee qoratamaa jiraachuu komaandar Fufaan himaniiru.

Kanaan duras, balaa ibiddaa naannoo kanatti qaqqabe, qabeenyaa irratti miidhaa geessisun isaa ni yaadatama.

Muktaar Xahaatu gabaase

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.