Magaalaa Jigjigaatti agarsiisni suuraa “Waa’ee Ityoophiyaa” jedhu baname
Finfinnee, Caamsaa 1, 2014 (FBC) – Agarsiisni suuraa “Waa’ee Ityoophiyaa”qabsoo Ityoophiyaanonni biyya isaanii baraaruu fi duula olaantummaa seeraa kabachiisuurratti taasisan mul’isu magaalaa Jigjigaatti banameera.
Agarsiisicha Afyaa’iin Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa obbo Taaggasaa Caafoon eebbisuun bananiiru.
Agarsiisicha kan qopheesse Dhaabbata Preesii Ityoophiyaa yoo ta’u, guyyoota muraasaaf banaa ta’ee kan turuu fi yeroo itti aanutti magaalota naannoleetti kan dhiyaatu ta’uu ibsameera.
Agarsiisa suuraatti aansuun mata duree “Ityoophiyaan injifachaa ni ceeti” jedhuun mariin paanaalii ni gaggeeffamaan kan eegamu ta’uu ibsameera.
Maddi:- TOI
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.