Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Hoolataatti Piroojektoonni garaagaraa eebbifaman

Finfinnee, Waxabajjii 30, 2015 (FBC) –Magaalaa Hoolataatti pirojektoonni misoomaa 21 Birrii miiliyoona 140 hojjetaman eebbifamaniiru.

Jilli Hooggantuu Biiroo Bishaanii fi Inarjii Oromiyaa Injinar Miliyoon Baqqalaan durfamuun Piroojektoota kanneen eebbiseera.

Pirojektoonni eebbifaman kunneenis giddugala oolmaa dargaggootaa, manneen kitaabaa, manneen jireenya waliinii fi mana barnoota bu’uura boruu ta’uu, Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Hoolataa Obbo Abarraa Gaaddisaa himaniiru.

Hooggantuun Biiroo Bishaanii fi Inarjii Oromiyaa, Injinar Miliyoon Baqqalaa, pirojektoonni eebbifaman fedhii waliigalaa Uummataa gidduugaleessa kan taasisan tahuu eeruu OBN gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.