Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Hawaasatti dhaabbilee daldalaa daballii gatii taasiisanirratti tarkaanfiin fudhatame

Finfinnee, Hagayya 21, 2013 (FBC) – Magaalaa Hawaasatti hordoffii fi to’annoo taasiifameen dhaabbilee Daldalaa daballii gatii seeraan alaa taasiisan 48 irratti tarkaanfiin fudhatamuu Biiroon Daldalaa fi Indaastirii naannichaa beeksiiseera.
 
Dhaabbileen kunneen seeraan akka gaafataman taasiifamuu ibsameera.
 
Daldaltoonni seeraan alaa meeshaalee nyaataarratti daballii gatii hin malle taasiisuun qaala’iinsi jireenyaa akka hammaatu taasiisuu Itti Gaafatamaan Biiroo Daldalaa fi Indaastirii naannichaa Proofeesar Fiqaaduu Phaawuloos ibsaniiru.
 
Rakkoo qaali’iinsa gatii fi jireenyaa furuuf qaamolee dhimmi ilaallatu waliin hojjetamaa jiraachuu himaniiru.
 
Naannichi dhaabbilee daballii gatii seeraan alaa taasiisanirratti tarkaanfii seeraa fi bulchiinsaa fudhachaa jiraachuu eeraniiru.
 
Torbee kana Zayinni nyaataa miiliyoonni 1.6 kan galu ta’uu isaa himaniiru.
 
Zayita nyaataa liitira miiliyoona 1.1 gama dhaabbata Misoomaa fi galtee Indaastirii Ityoophiyaan, Liitira kuma dhibba 5 fi kuma 50 ammoo gama Hojiilee Daldalaa Ityoophiyaan gara naannichaa galchuuf hojjetamaa jiraachuu kaasaniiru.
 
Feesbuuki keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
 
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
 
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
 
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.