Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Goondaritti Doolaarri Sobaa kumni 95 to’atamuu ibsame

Finfinnee, Mudde1, 2015 (FBC) – Magaalaa Goondaritti Doolaarri Sobaa kumni 95fi Birriin sobaa miiliyoonni 2.5 to’atamuu ibsame.

Magaalichatti guyyaa har’aa naannoo sa’aatii 5:00 Doolaarri sobaa kumni 95fi Birriin sobaa miiliyoonni 2.5 konkolaataa abbaa goommaa 3/ baajaajiin fe’amee osoo daddabarfamuu to’atamuu hoggantuun sabquunnamtii qajeelcha poolisii magaalichaa Iyyarusaalem Asmaraa ibsaniiru.

Konkolaachisaa dabalatee shakkamtoonni biroo lama to’atamuun dhimmi isaanii qoratamaa jiraachuu eeraniiru.

Salaam Asmallaashitu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.