Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Gambeellaatti mana nama dhuunfa keessaatti meeshaaleen waraanaa adda addaa 199 to’aman

Finfinnee Muddee 2, 2013 (FBC)- Magaalaa Gambeellaatti mana nama dhuunfa keessaatti meeshaaleen waraanaa adda addaa 199 to’amuun poolisiin naannichaa beeksiseera.

Sakattoo miseensoota poolisi federaalaa fi naannoo akkasumaas tajaajila odeeffaannoo fi nageenyaa biyyooleessaan taasifameen meeshaaleen kunneen to’annaa jala oolaniiru.

Meeshaaleen seeraan alaa kilaashii dadachaatuu 148 fi qawween kilaash koovii abbaa sadafii 51 dababalateen kaartaawwan rasaasa qabataan 178 to’annaa jala oolaniiru.

Itti gaafatamaan Biiroo Nageenyaa naannicha obbo Toomaas Tuut akka ibsanitti, naannichi daangaa Sudaan kibbaa waliin qabun wal qabsiisee meeshaleen waraanaa seeraan alaa heeduu ni seenuu jedhaniiru.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.
 
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
 
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.