Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Gaambeellatti namoonni rakkoo nageenyaa uumuun shakkaman 30 to’ataman

Finfinnee, Hagayya 28, 2013 (FBC) – Magaalaa Gaambeellatti Poolisiin namoota rakkoo nageenyaa uumuun shakkaman 30 to’annoo jala oolchuu beeksiise.

Namoonni dhuunfaan kunneen ergamtoota garee shororkeessaa ABUT fi Shanee ta’uu Komishinarri Komishinii Poolisii Naannoo Gaambeellaa Abuulaa Uboong ibsaniiru.

Rakkoo nageenyaa uumuuf wayita socho’an to’atamuu eeraniiru.

Shakkamtoonni kunneen to’annoo jala ooluun dhimmi isaanii qoratamaa jiraachuu dubbataniiiru.

Ergamtoota garee shororkeessaa kanneen adamsanii qabuuf hirmaannaan ummataa cimee itti fufuu akka qabu waamicha dhiyeessaniiru.

Maddi:-TOI

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.