Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Finfinneetti shakkamtoonni haleellaa garaagaraa raawwachuuf turan 700 ol too’ataman

Finfinnee, Sadaasa 14, 2013 (FBC) – Magaalaa Finfinneetti shakkamtoonni haleellaa garaagaraa raawwachuuf socho’aa turan 700 ol too’atamuu Komishiniin Poolisii magaalaa Finfinnee beeksise.
Onkololeessa 25, 2013 eegalee hordoffii fi sakattoo cimaa gaggeeffameen gareen badii ABUT irraa ergama fudhachuun haleellaa garaagaraa raawwachuuf magaalicha keessa socho’aa turan waliigala 796 too’atamuu komichinichi ifoomseera.
Gareen kun uffata seeraa uffachuun gochota shororkeessummaa adda addaa raawwachuuf wayita socho’u too’atamuu Komishinii Poolisii magaalaa Finfinneetti daayreektarri qorannoo yakkoota daddabsa seeraan alaa Komaandar Girmaa Tasammaan ibsaniiru.
Sakattoo manneen jireenyaa fi dhaabbilee garaagaraa keessatti gaggeeffameeen shakkamtoonni uffata seeraa qaamolee nageenyaa uffachuun socho’aa turan 202 too’atamuu Komaandar Girmaan himuu isaanii ragaan Komishinii Poolisii magaalaa Finfinneerraa argame ni muul’isa.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.