Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Finfinneetti sagantaan lammiilee kuma 194f maaddii qooduu gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Eebila 13, 2014 (FBC) – Bulchiinsa Magaalaa Finfinneetti Ayyaana Hiikaa sababeeffachuun sagantaan lammiilee kuma 194f maaddii qooduu gaggeeffamaa jiraachuu ibsameera.
Kutaalee magaalichaa hunda keessatti lammiilee harka qalleeyyii kuma dhibba 1 fi kuma 94 oliif sagantaan maaddii qooduu gaggeeffamaa jira jedhame.
Sagantaan maaddii qooduu kun kutaalee magaalaa 11, aanaalee 120 akkasumas bilookiiwwan kuma jahaa fi 885tti sa’aatii wal fakkataarratti gaggeeffamaa jira.
Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee dhiibbaa qaala’insa jireenyaatiin lammiileen sadarkaa jireenya gadi aanaa jiraatanii fi galii hin qabne akka hin miidhamneef deeggaruuf waggaa waggaatti sagantaan maaddii qooduu gaggeeffamaa tureera.
Sagantichi mata duree ‘Tokkummaan, waliin jireenyii fi kan qaban walii qooduun ibsitu Ityoophiyaanootaati’ jedhuun gaggeeffamaa jiraachuu ragaan Waajjira Paartii Badhaadhina Magaalaa Finfinneerraa argame ni muul’isa.
Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.