Magaalaa Finfinneetti sagantaan Ashaaraa Magariisaa biqiltuu dhaabuun ifaan eegalame
Finfinnee, Waxabajjii 15, 2013 (FBC) – Magaalaa Finfinneetti sagantaan Ashaaraa Magariisaa biqiltuu dhaabuun ifaan eegalamuu ibsameera.
Sagantaan Ashaaraa magariisaa ‘Ityoophiyaa yaa uwwifnu’ jedhuu akka magaalichaatti biqiltuu dhaabuun eegalameera.
Eegalamuu sagantichaarratti Itti aantuu Kaantibaa Magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebee, Ministirri Ministira Nageenyaa Aadde Muufariyaat Kamiil, Ministiroonni,abbootiin qabeenyaa fi namoonni garaagaraa argamaniiru jedhame.
Sagantichis gidduu gala biqiltuu Gullalleetti eegalameera.
Sagantaa Ashaaraa magariisaa kanaan Magaalaa Finfinneetti biqiltuu gosa garaagaraa miiliyoona 7.5 dhaabuuf karoorfamuu ragaan Waajjira Seekreetariyaat Preesii magaalichaarraa argame ni muul’isa.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraamahttps://t.me/afanoromofana
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.