Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Finfinneetti sagantaan Afxiraa Guddaan Daandiirraa Jimaata dhufu ni gaggeeffama

Finfinnee, Eebila 17, 2014 (FBC)- Magaalaa Finfinneetti sagantaan Afxiraa Guddaan Daandiirraa Jimaata dhufu kan gaggeeffamu ta’uu ibsameera.

Magaalaa Finfinneetti jimaata dhufu sagantaan Afxiraa guddaan kan gaggeeffamu ta’uu walitti qabaan koree waamicha “Iid hanga Iid” Ustaaz Abuubakir Ahimad ibsaniiru.

Waamicha “Iid hanga Iid” qindeessuuf hanga ammaatti daragaggoonni tola ooltonni kumni 2 fi 500 ol hirmaachuu eeruun, sagantaan Eksipoo Iid Roobii dhufu kan banamu ta’uu ibsaniiru.

Sagantaan Afxiraa kun maqaa gaarii Ityoophiyaa addunyaatti beeksisuuf carraa kan uumu ta’uu kaasaniiru.

Kanaan dura Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad mata duree “ Salaata Iid Guddicha Ityoophiyaatti” jedhuunii fi waamicha “Iid hanga Iid gara biyyaatti” jechuun Ityoophiyaanota, dhalattoota Ityoophiyaa fi Michuuwwan isheef waamicha taasisuun isaanii ni yaadatama.

Maddi:-DhPI

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.