Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Finfinneetti sababa kabajaa ayyaana irreechaaf daandiwwan cufaman poolisiin ifoomse

Finfinnee, Fulbaana 21, 2013 (FBC) – Magaalaa Finfinneetti sababa kabajaa ayyaana irreechaaf daandiwwan cufaman poolisiin magaalicha ifoomseera.

Ayyanichii nagaan akka kabajamuuf qaamooleen nageenyaa qophii xumuruus ibsameera.

Haaluma kanaan

Daandii xiyyaaraa Boolee galma Barkuumee gara addabaabaayii masqalaa geessu naannoo Danbaal Siitii Seenteer addabaabaayii Oloompiyaa.

Daandiin maskaqaal Filaawaar gara Oloompiyaa geessuu.

Daandiin Magganyaa, karaa Hayaa Huleet gara maskaal addabaabaayii akkasumaas Boolee Madiyaaniyaalam, Hoteelaa Atilaas gara masqaal addabaabaayii geessu naannoo addabaabaayiin mana amantaa kiristaanaa Uraa’eel.

Daandii Birbirsaa Goorii gara addabaabaayii masqaalaa geessu.

Daandiin Caffee Araaraa gara addabaabaayii masqaalaa geessu.

Akkasumaas Daandii Saariis , Gootaraa gara masqal addabaabaayii geessu.

Daandii Qarsaa gara masaraa mootumma geessuu, hoteela Intaar Koonteentaal , daandii Uraa’eel fi Awwaaree geessuu.

Dabalataniis daandii Qarsaa gara Caaffee Araaraa geessuu.

Daandii T/haayimaanoot, Meetrooloojii, masqaal addabaabaayii geessuu.

Daandii T/haayimaanoot fi naannoo waajjira Immigireeshiniirran geessu.

Daandii eegumsaa naannoo, Tiyaatiraa biyyooleessa gara masqaal addabaabaayii geessu.

Daandii Qeeraa gara Qirqoos geessu.

Daandiwwan Xoor Haayilooch, Lidataa, hospiitala poolisii gara addabaabaayii Caffee Aannanii, naannoo maabiraataayili Laga Harree geessu.

Sababa ayyaanichaaf boruu sa’aatii 8:30 irraa hanga qophiichi xumuramuutti sa’atii muraasif ta’ee dheeraaf daandii gubbaa konkolaataa dhaabanii deemuun akka hin danda’amne ibsameera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.