Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Finfinneetti qaala’iinsa gabaa furuuf hojjetamaa jira

Finfinnee, Eebila 4, 2012 (FBC) – Bulchiinsa magaalaa Finfinneetti qaala’iinsa gabaa furuuf hojjetamaa jiraachuu ibsame.
 
Magaalichatti oomishaaleen kuduraa fi midhaanii suuqiiwwan shamattootaatti galuu eegalaniiru.
 
Jiraattoonni magaalichaa oomishaalee kanneen gatii madaallawaan bitachuu kan danda’an ta’uu bulchiinsi magaalichaa beeksiseera.
 
Weerara vaayrasii koroonaan walqabate hanqinni dhiyeessii oomishaalee akka hin muddanneef suuqiiwwaan shamattootaa 800tti hawaasaf gatii gadi aanaan oomishaaleen murteessoo ta’an dhiyaachuu itti aanaan Kaantibaa magaalaa Finfinnee Injiinar Taakkalaa Uumaan dubbataniiru.
 
Injiinar Taakkalaan guyyaa har’aa haala qophii shamattootaa fi oomishaalee galaa jiran kutaa bulchiinsa Qiirqoositti argamuun daawwachuu isaanii ragaan Waajjira Kaantibaa magaalicharraa argame ni muul’isa.
 
Bulchiinsi magaalichaa hanqina dhiyeessii oomishaalee furuuf qonnaan bultootarraa kallattiin bituun jiraattootaf gatii madaallawaan dhiyeessuuf kan hojjetu ta’uu isaa beeksisee ture.
 
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.