Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Finfinneetti ofiisaroonni seera kabachiisaan karaa seeraan alaa matta’aa fudhatan to’annaa jala oolan

Finfinnee, Eebila 11, 2014 (FBC) – Magaalaa Finfinnee kutaa magaalaa Gullallee aanaa 7tti ofiisaroonni seera kabachiisaan ijaarsa manaa sababeeffachuun karaa seeraan alaa wayita matta’aa fudhatan harkaa fi harkatti to’atamuu Waajjirri Nageenyaa kutaa magaalaa Gullallee beeksiseera.

Itti gaafatamaan waajjirichaa obbo Geetaahuun Abarraa akka ibsanitti, ogeeyyii to’annaa jala oolaa kun namoota dhuunfaa eeyyamaa seeraa qabeessaa baasuun ijaarsarra jiran eeyyamaa akka waan hin qabneetti fakkeessuu fi ni diigna jechuun maallaqaa akka kaffalaan dirqamsiisuun namoonni dhuunfa kunneen eeruu qaamolee nageenyaaf laataniin maalliqicha wayita fudhata jiraniitti to’annaa jala oolaniiru.

Hawaasni hojii seeraan alaa raawwatamaniif qaamolee dhimmi ilaallatuuf eeruu akka laataan waamicha dhiyeessuu ragaan Waajjira Kantiibaa magaalaa Finfinneerra argame nu mul’isa.

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.