Magaalaa Finfinneetti nageenyaaf jecha richiitii dhukaasuun dhorkaadha- Komishiinin Poolisiin magaalaa Finfinnee
Finfinnee, Qaammee 4, 2013 (FBC)- Magaalaa Finfinneetti nageenyaaf jecha richiitii dhukaasuun dhorkaadha jechuun Komishiinin Poolisiin magaalaa Finfinnee beeksiseera.
Qaamoleen carraawwan garagaraatti fayyadamuun nageenyaa magaalichaa booreessuuf socho’aan to’achuu fi nageenyaaf jechaa ayyaanaan wal qabsiisee richiitii dhukaasuun dhorkaa ta’uudha kan ibsame.
Komishinichi jijjiirraan bara haara 2014 nagaan akka kabajamuuf qaamolee nageenyaa waliin qindoominaan hojjechaa jiraachuu ibsameera.
Hawaasni tajaajila poolisii argachuufis ta’ee wantoonni shakkisisoon wayita muudatan eeruu laachuuf sarara bilbila bilisaa 991 fi poolisii magaalaa Finfinnee 011-1- 11-01-11 akkasumas poolisii federaalaa 011-5-52-63-03 fi sarara bilbilaa bilisaa 987 irratti eeruu laachuun akka danda’amuu ragaan Komishiinin Poolisiin magaalaa Finfinneerra argamee ni muul’dhisa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.