Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Finfinneetti manneen qorichaa fi kuusaawwan qorichoota yeroon tajaajila isaanii irra darbe qabatanii argaman 37 saamsaman

Finfinnee, Onkololeessa 25, 2013 (FBC) – Magaalaa Finfinneetti manneen qorichaa fi kuusaawwan qorichoota yeroon tajaajila isaanii irra darbe qabatanii argaman 37 saamsuu isaa Abbaan Taayitaa Bulchiinsaa Nyaataa fi To’annoo Qorichaa magaalaa Finfinnee beeksise.
 
Abbaan taayitichaa manneen qorichaa fi kuusaawwan qorichaa magaalichaatti argaman kuma 1 ol keessaa 350 irratti sakattoo tasaa raawwachuu beeksiseera.
 
Manneen qorichaa fi kuusaawwan qorichaa 90f of eeggannoon laatamuu ibseera.
 
Manneen qorichaa fi kuusaawwan kunneen qorichoota maddi isaanii hin beekkamne, qorichoota hanqina qaban dhoksuu, meeshaalee yaalaa tajaajila hin laanne qabatanii argamuu isaaniin of eeggannoon barreeffamaa laatamuufi itti aanaan daayreektar olaanaa Abbaa Taayitichaa obbo Dabrawarq Geetaachoo ibsaniiru.
 
Dabalataan ajaja ogeeyyii malee qoricha gurguu fi qorichoota farraa ilbiisootaa waliin makanii yeroo gurguran argamuu isaaniin tarkaanfiin seeraa irratti fudhatamuu obbo Dabrawarq ibsaniiru.
 
Tsaggaayee Nigusuutu gabaase.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.
 
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.