Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Finfinneetti hojiileen qaala’iinsa jireenyaa sadarkaa olaanaan hir’isan xiyyeeffannaan ni hojjetamu-Aadde Adaanech

Finfinnee, Guraandhala 14, 2016 (FBC)- Gamaaggamni raawwii baatiiwwan 7’n darbanii Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee gaggeeffamaa ture xumurameera.

Gamaaggamicharratti sadarka hojiileen Magaalaa Finfinnee jireenyaaf mijattuu taasisuuf eegalaman irraatti argaman adda baafamuu Kantiibaan Bulchiinsa Magaalichaa Aadde Adaanech Abeebeen ibsan.

Bu’aaleen argamanii fi hojiileen milkaa’an, hoggansi tokkummaa yaadaa fi raawwiin hojiirratti akka xiyyeeffatu taasifamuun ta’uu kaasan.

Dabalataan, maqaa gaarii magaalattii kanneen olkaasanii fi dorgomtummaa idil addunyaa fi pirojektoonni seenaa xumuramuun, fayyadamummaa hawaasummaa fi diinagdee ummataa kan dabalan, hojiileen namarratti xiyyeeffatan rakkoolee jiraattoota magaalattii kan salphisan ta’uu eeraniiru.

Hojiileen tola ooltummaa fi galii walitti qabuu jajjabeessaa ta’uu fi kunneenis cimanii itti fufuu akka qaban waliigalteerra ga’amuu gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.

Fuuldurattis, akkaataa gaaffii fi rakkoolee ummataan, kenniinsa tajaajilaa fooyyessuurratti hojiilee eegalaman saffisaan xumuramuu akka qaban hubachiisaniiru.

Hojmaata qindaawaa beekumsaan raawwachuu, pirojektoota jalqabaman xumuruu fi bu’uuraalee misoomaa magaalattii fooyyessuu, hojiilee qaala’iins jireenyaa sadarkaa olaanaan hir’isan hojjechuun barbaachisaa ta’uu kaasaniiru.

Dargaggootaaf carraa hojii bal’aa uumuu akkasumas hannaa fi hojmaata badaa dhabamsiisuuf xiyyeeffannaan hojjechuuf waliigalteerra ga’amuu dubbataniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.