Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Finfinneetti haaromsi eeyyama daldalaa baatii kana xumurama jedhame

Finfinnee, Muddee 14, 2014 (FBC)- Magaalaa Finfinneetti haaromsi eeyyama daldalaa baatii  Adoolessaa eegale baatii kana keessa kan xumuramuu ta’uu Biiroon Daldalaa Magaalaa Finfinnee beekksise.

Baatii kana booda adabbiin kan eegalu ta’uu ibsameera.

Faanaa Broodkaastiing Korporeet adeemsa haaromsa eeyyama daldalaa fi kanniinsa tajaajilaa ilaalchisee kutaa magaalotaa Qiirqoos, Araadaa fi Addis Katamaa daawwateera.

Haaromsa eeyyama daldalaa ilaalchisee tajaajiloonni kennaman foyya’aa jiraachuu fi yeroo fi dadhabbii akka hir’iseef namoonni yaada kennan ibsaniiru.

guyyaan itti eeyyama daldala haaromsa dhumaa jiraatus Hawaasni daldalaa yeroon jira jechuun boodatti harkifachaa jiraachuu hoggantoonni hojii kutaa magaalota kanneenii himaniiru.

Hawaasni daldalaa magaalichaa eeyyama hojiisaa hanga Muddee 30, 2014tti haaromsuu akka qabu Ittaanaan hogganaa Biiroo Daldalaa Magaalaa Finfinnee obbo Masfin Asaffaa yaadachiisaniiru.

Baatii Amajjiirraa eegalee qaamolee eeyyama daldalaa isaanii hin haaromsinerratti adabbiin akka jalqabu ibsaniiru.

Siisaay Geetinnattu gabaase

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.