Magaalaa Finfinneetti guyyaan yaadannoo haleellaa Ajaja Kaabaa irratti rawwatame yaadatamaa jira
Finfinnee, Onkololeessa 24, 2015(FBC)- Magaalaa Finfinneetti guyyaan yaadannoo haleellaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Ajaja Kaabaarratti rawwatame Waggaa 2ffaan mooraa Bulchiinsa magaalichaa keessatti yaadatamaa jira.
Sirnicharratti Itti aanaa kantiibaa magaalaa Finfinnee Obbo Jaanxiraar Abbaayiifi hoggantoonni olaanoon bulchiinsa magaalichaai miseensonni Raayyaa Ittisa Biyyaa argamaniiru.
Obbo Jaanxiraar Abbaay haasawaa taasisaniin, guyyaan har’aa warreen wareegaman kan itti yaadannuudha jedhan.
Haleellaa Ajaja Kaabaarratti raawwatame yoomiyyuu hin irraanfannu jechuun, Ityoophiyaan har’as gotoota biyya isaanii jaallatan qabaachuu eeruun, Alaabaa ishee olkaasanii mirmirsuu kan itti fufan ta’uu dubbataniiru.
Guyyichi guyyaa Ityoophiyaan marii nageenya itti xumurte ta’uun isaa adda isaa taasisas jedhaaniiru.
Jaalallii Hayiluutu gabaase.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.