Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Finfinneetti giddugalli gabaa ammayyaa tajaajilaaf banaa ta’e

Finfinnee, Muddee 25, 2013 (FBC) – Magaalaa Finfinneetti giddugalli gabaa suuqota aammayyaa kuduraa fi Muduraa,oomisha qonnaa of keessatti hammate tajaajilaaf banaa ta’eera.

 

Iddoolee saditti giddugalii suuqoota ammaayyaa 980 of keessatti hammate, gabaan Kuduraa fi muduraa, oomisha qonnaa tajaajilaaf banaa ta’uu itti aantuun Kaantibaa magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebee ibsaniiru.
Shamattoonni fi oomishtoonni kallattiin sirna wal bittaa akka gaggeessan xiyyeeffannoo addaan hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.
Guyyaa har’aa bakka itti aantuu kaantibaa magaalaa Finfinnee aadde Adaanachi Abeebee fi hoggantoonni olaanoon mootummaa argamanitti giddugalli gabaa Kuduraa fi Muduraa Laaftoo, Giddugali gabaa hunda geessaa Jamoo fi giddugalli gabaa hunda galeessaa dubartootaa Furii ifatti eebbifamuun tajaajilaaf banaa ta’aniiru.
Giddugalli gabaa Kuduraa fi Muduraa Laaftoo suuqota 556, Giddugali gabaa hunda geessaa Jamoo suuqoota ammayyaa 126, giddugalli gabaa hunda galeessaa dubartootaa Furii suuqoota ammayyaa 298 kan of keessatti hammatan ta’uu eerrameera.
Suuqoonni ammayyaa kunneen hojii dhabeeyyii hedduuf carraa hojii uumuu ragaan Waajjira Seekreetariyaat Preesii magaalaa Finfinneerraa argame ni muul’isa.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa.
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.