Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Finfinneetti gamoowwan abbaan hin beekkamne 100 ga’uu ibsame

Finfinnee, Sadaasa 10, 2013 (FBC) – Bulchiinsi magaalaa Finfinnee haala yeroorratti dargaggoota kutaa bulchiinsa magaalichaa hundarra walitti babba’an waliin guyyaa ha’aa marii gaggeesseera.

 

Magaalichaatti gamoowwan, Lafa dallaan itti ijaarramee jiru fi manneen gandaa irratti sakattoon gaggeeffamaa jiraachuu ibsameera.

 

Hanga ammaattis gamoowwan abbaan hin beekkamne 100 ga’uu itti aantuun kantibaa magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebee ibsaniiru.

 

Dabalataan lafti dallaan itti dalleeffamee jiru kan abbaa hin beekkamne hektaarri kumni 1 ol jiraachuu ibsaniiru.
Manneen gandaa seeraan ala qabamanii jiran irrattis hojiin qulqulleessuu hojjetamaa jiraachuu aadde Adaanach ibsaniiru.

 

Akka EBC gabaaseetti dargaggoonni marii kana irratti hirmaataan hojii olaantumaa seeraa kabachiisuu raayyaa ittisa biyyaan gaggeeffamaa jiru kan deeggaran ta’uu ibsaniiru.

 

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.