Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Finfinneetti egzibiishiniifi baazaariin qonna magaalaa baname

Finfinnee, Qaammee 2, 2014(FBC)-Magaalaa Finfinneetti Egzibiishiniifi Baazaariin qonna magaalaa oomishaaleen gatii gadi aanaan itti dhiyaatan baname.

Guyyaa oomishtummaa sababeeffachuun magaalaa Finfinnee Addabaabaayii Piyaassaatti egzibiishiniin qonna magaalaa ifatti banamuu ibsameera.

Ittaanaa Kantiibaafi hogganaa Biiroo Hojiilee Intarpiraayiziifi Misooma Indaastirii magaalichaa Obbo Jaanxiraar Abbaay dabalatee hoggantoonni olaanoon bulchiinsa magaalichaa oomishtoota biyya keessaa egzibiishinicharratti oomishaalee isaanii dhiyaassan jajjabeessaniiru.

Qonni magaalaa erga eegalamee yeroo gabaabaa ta’us gama fedhii meeshaalee bu’uuraa uummataa guutuufi jireenya salphisuun gahee olaanaa ba’achuu Obbo Jaanxiraar ibsaniiru.

Qonna magaalaaf galtee barbaachisaa dhiyeessuuniifi deeggaruun oomishtummaa isaa guddisuun jiruufi jireenya uummata magaalichaa waaraan salphisuutu nurraa eegama jedhan.

Dameelee tajaajilaa, intarpiraayiziifi indaastirii gama maraan deeggaruun sadarkaa barbaadamuun oomishaafi oomishtummaa dabaluun guddina hunda galeessa biyyattii dhugoomsuuf sadarkaa hundatti sosochii qindaa’aa taasisuun gahee keenya ba’achuu qabna jedhaniiru.

Qonna magaalaa guddisuufi bakkeewwan gurgurtaa iddoowwan addaa addaatti babal’isuun fedhii jiraataa magaalichaa oomisha magaalicha keessatti oomishamuun haguuguu dabalatee jiruufi jireenya qonnaan bultootaa jijjiiruu ni dandeecha jechuu ragaan waajjira kantiibaa magaalichaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.