Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Finfinneetti durbatoonni kumni 10 ol sagantaa Ashaaraa Magariisaan Biqiltu dhaaban

Finfinnee, Adooleessa 2, 2013 (FBC) – Dubartoonni magaalaa Finfinnee mata duree ‘obboleettummaa sabdaneessaa misooma magariisaa keenyaaf’ jedhuun biqiltuu dhaabaniiru.
Sagantaa ashaaraa magariisaa mata duree ‘Koottaa Ityoophiyaa yaa uwwisnu’ jedhuun eegalame kutaalee magaalaa Finfinnee garaagaraatti hojjettoonni mootummaa, barattoonni, abbootiin amantaa, qaamoleen nageenyaa fi kutaaleen hawaasaa garaagaraa hirmaachisuun gaggeeffamaa jira jedhame.
Guyyaa har’as Af Yaa’ii Mana Maree bulchiinsa magaalaa Finfinnee aadde Zarfeshawaal Nigusee, dura teessuu Paartii Badhaadhinaa aadde Maskaram Abbabaa dabalatee dubartoonni kutaalee magaalichaa adda addaa keessaa walitti babba’an kumni 10 ol kutaa magaalaa Lammii Kuraa manneen jireenyaa waliinii Boolee Arrabsaatti biqiltuu dhaabuu isaanii ragaan Waajjira Seekreetariyaat Preesii magaalaa Finfinneerraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.