Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Finfinneetti dubartootaa fi daa’imman harka qalleeyyii ta’aniif nyaata dhiyeessuuf waliigalteen mallattaa’e

Finfinnee, Bitootessa 29, 2014 (FBC) – Magaalaa Finfinneetti dubartoota ulfaa, hoosisaan, haadholii fi daa’imman harka qalleeyyii ta’aniif nyaata dhiyeessuuf waliigalteen mallattaa’eera.

Waliigaltichas Biiroon Dhimma Dubartoota, daa’immanii fi hawaasummaa dhaabbilee adda addaa waliin mallatteesseera.

Waliigaltichis dubartootaa ulfaa, hoosisaan, haadholii fi daa’imman harka qalleeyyii ta’aniif nyaata gabbisaa karaa shamattoota hojii gamtaatiin dhiyeessuuf dandeessisa jedhameera.

Hoggantuun biiricha Dooktar Haannaa Yashiinguus, waliigaltichi daa’imman sammuu fi  xiinsammuun akka fooyya’aniif akkasumas rakkoo quucaruu daa’immanii hambisuuf ni dandeessisa jedhaniiru.

Saganticha dhugoomsuuf Birriin Miiliyoonni 40 ol kan ramadamee yoo ta’u, magaalaa Finfinnee Kutaa magaalaa 11 keessatti hojiirra oola jedhaniiru.

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.