Magaalaa Finfinneetti dorggommiin Ispoortii Aadaa 12ffaan gaggeeffamaa ture xumurame
Finfinnee, Amajjii 7, 2014 (FBC) – Magaalaa Finfinneetti dorggommii fi Feestivaalli Ispoortii Aadaa 12ffaan gaggeeffamaa ture guyyaa har’aa xumurame.
Qopheessummaa kutaa magaalaa Araadaatiin kan gaggeeffamaa ture dorggommii fi Feestivaalli ispoortii aadaa olantummaa kutaa magaalaa Lammii Kuraan xumurameera.
Dorgommichi hariiroo cimsuurratti ga’ee olaanaa qabaachuu fi dorggommii itti dorggomtoonni sadarkaa biyyaalessaatti hirmaachuu danda’an kan keessatti argaman ta’uu hogganaan Biiroo Dargaggoo fi Ispoortii Magaalaa Finfinnee obbo Abrahaam Taaddasaa ibsaniiru.
Kutaan Magaalaa Araadaa milkaa’ina qophichaaf ga’ee ba’achuusaatiif galateeffachuu isaanii ragaan Biiroo Dargaggoo fi Ispoortii magaalichaarraa argame ni mul’isa.
Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.