Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Finfinneetti balaa tiraafikaa mudateen lubbuun namoota lamaa darbe

Finfinnee, Waxabajjii 23, 2015 (FBC)- Magaalaa Finfinnee naannawaa garaagaraatti balaa tiraafikaa mudateen lubbuun namoota lamaa darbuu Koominshiniin Hoggansa Soda Balaa fi Ibiddaa magaalichaa beeksise.

Guyyaa har’aa Kutaa magaalaa Araadaa naannawaa ‘Semeen Hoteel’ jedhamee beekamutti konkolaataa Siinootiraakii maanguddoo waggaa 50 rukutuun lubbuun darbu Ogeessi Quunnamtii Ummataa Obbo Nigaatuu Maammoon FBC’f ibsaniiru.

Akkasumas guyyaa kaleessa Kutaalaa Magaalaa Lammii Kuraa Aanaa 2’tti ga’eessa waggaa 44 wayita daandii qaxxaamuru konkolaataan Siinootiraakiin rukutuun lubbuun darbuu akka danda’e eeraniiru.

Gama biraatiin, kaleessa galgala balaa ibiddaa Kutaa Magaalaa Nifaas Silki Laaftoo naannawaa Warshaa Daawwitiitti mudateen manneen daldala ja’a mancaasuun ibsameera.

Balichaan miidhaan namarra ga’e kan hinjirre ta’uu mirkneessaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.