Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Finfinneetti adeemsi baruu fi barsiisuu manneen barnootaa dhuunfaa Sadaasa 21, 2013 ni eegalama

Finfinnee, Sadaasa 18, 2013 (FBC) – Biiroon Barnoota magaalaa Finfinnee adeemsi baruu fi barsiisuu manneen barnootaa dhuunfaa kutaa 1ffaa irraa jalqabee Sadaasa 21, 2013 kan eegalu ta’uu beeksise.
Manneen barnootaa mootummaa keessatti ammoo barnoonni kutaa 5ffaa irraa jalqabee Sadaasa 28, 2013 kan eegalu ta’uu itti aanaa hogganaan Biiroo Barnootaa bulchiinsa magaalaa Finfinnee obbo Addisuu Shaanqoon ibsaniiru.
Bulchiinsa magaalichaatti qormaanni naannoo kutaa 8ffaa Sadaasa 24-25, 2013 kan laatamu ta’uu ibsuun isaa kan yaadatamuudha.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.