Magaalaa Finfinnee kutaalee magaalaa 4 keessatti proojektoonni Birrii miiliyoona 960 oliin ijaarraman tajaajilaaf banaa ta’an
Finfinnee, Caamsaa 11, 2013 (FBC) – Magaalaa Finfinnee kutaalee magaalaa 4 keessatti proojektoonni birrii miiliyoona dhibba 9 fi miiliyoona 60 oliin ijaarraman 427 tajaajilaaf banaa ta’uu bulchiinsi magaalichaa beeksiiseera.
Magaalichatti hirmaannaa uummataa fi baajata mootummaan proojektoonni 427 eebbifamuun tajaajilaaf banaa ta’uu ragaan Waajjira Seekreetariyaat Preesii magaalichaarraa argame ni agarsiisa.
Kutaa magaalaa Gullalleetti Proojektoonni 151 ol, Addis Katamaatti, proojektoonni 152 ol, Araadaatti Proojketoonni 47 fi Lammii Kuraatti Proojektoonni 77 torbee kana eebbifamuun tajaajilaaf banaa ta’uu himameera.
Proojektoonni ijaarsa manneen barnootaa, damee fayyaa, carraa hojii uumuu, giddugala oolmaa dargaggootaa fi kanneen biroo ta’uu ibsameera.
Proojektoota kanneeniif waliigala Birrii miiliyoonni dhibbi 9 fi miiliyoonni 60 ol baasii ta’uu himameera.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.