Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Finfinnee keessatti guyyoota 16 darban sakkata’insa konkolaataa fi manaa mannatti taasifameen meeshaaleen waraana seeraan alaa too’atame

Finfinnee, Muddee 13, 2013 (FBC) – Magaalaa Finfinnee keessatti guyyoota 16 darban sakkata’insa konkolaataa fi manaa mannatti taasifameen meeshaaleen waraana seeraan alaa too’atame.
Komiishinii Poolisii Magaalaa Finfinnee hawaasni meeshaalee waraanaa wayita argu balaa osoo irraan hin qaqqabsiifne yeroon qaama nageenyaaf gabaasuu qaba jedheera.
Komiishinii Poolisii Magaalaa Finfinneetti, Daayrektarri Sab- Qunnamtii Hawaasa Komaandar Faasikaa Faantaa sakkata’insa manaa mannatti taasifameen boombii , qawwee kilaashii 26 fi rasaasa 732 to’atamu himaniiru.
Sakkata’insa kanaan shugguxii adda addaa 129 fi rasaasa kuma 1fi dhibba 3fi 88, uffata seeraa qaamolee nageenyaa fi qawwee adda addaa to’annoo jala ooleera.
Sakkata’insa konkolaatootaa fi imaltoota lafoorratti taasifameen shugguxii adda addaa 41fi rasaasni 254 to’atameera.
Magaalaa Finfinnee naannawa adda adda keessatti boombiin harkaafi rasaasni gatamanii argaman yoo ta’u,namootarran balaa kan geesisan ta’uun himameera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.