Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Finfinnee fi Magaalaa Rii Jaawu Gidduutti hariirroo obbolummaa uumuuf waliigalteen mallatteeffame

Finfinnee, Adoolessa 26, 2016 (FBC)- Magaalaa Finfinnee fi Magaalaa Rii Jaawu Chaayinaa gidduutti hariiroo obbolummaa uumuuf waliigalteen mallatteeffame.

Waliigaltichas, Kantiibaa Ittaanaan Magaala Finfinnee Obbo Jaanxiraar Abbaayii fi Kantiibaa Ittaanaan Magaalaa Rii Jaawu Zhiingi Di’anhuu mallatteessaniiru.

Obbo Jaanxiraar Abbaay sirna waliigalticha mallatteessuurratti, Magaalaan Rii Jaawuu eegumsa naannawaa, pilaanii magaalaa fi guddina diinagdeen milkooftuu ta’uun kaka’umsa kan uumuudha jedhan.

Innooveeshiii fi misoomaa magariisaa irratti kutannoon magaalattiin qabdu mul’ata magaalaan Finfinnee qabdu waliin hariiroo akka qabu ibsanii, muuxannoo gaarii horachuu fi dhimmoota magaalota lameen fayyadanirratti walta’iinsaan hojjechuuf fedhii qabaachuu eeraniiru.

Magaalota lameen gidduutti hariiroo obbolummaa uumuuf waliigalteen mallatteffame misooma waaraa, saayinsii fi teeknooloojii, aadaa, daldala, barnootaa fi damee fayyaan walta’iinsaan hojjechuun, misoomaa fi badhaadhummaa waloo mirkaneessuuf kan tumsu ta’uu amantaa qaban ibsaniiru.

Zhaangi Diin’aahuun gama isaaniin, dhaabbileen oomishtootaa Magaalaa Rii Jaawutti argaman michuuwwan misoomaa Itiyoophiyaa waliin hariiroo cimaa akka qaban kaasaniiru.

Waliigalteen mallateeffames magaalonni lameen dameewwan garaagaraan walta’iinsa qabaatan kan cimsu ta’uu ragaan Waajjira Kantiibaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.