Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Duukamitti proojektoonni misoomaa 48 eebbifaman

Finfinnee, Adooleessa 4, 2013 (FBC) – Magaalaa Duukamitti proojektoonni misooma Birrii biiliyoonni 1.2 baasii itti ta’e bakka Preezdaantiin Mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiiisan argamanitti eebbifamaniiru.

Manni Barumsaa Ifaa Boruu sadarkaa 2ffaa fi paarkiin Odaa Lammii magaalaa dabalatee proojektoonni misoomaa garaagaa har’a eebbifamaniiru.

Manni Barumsaa Ifaa Boruu sadarkaa 2ffaa Birrii miiliyoona 35 kan ijaarrame yoo ta’uu, paarkiin Odaa Lammii Birrii miiliyoona 17 ijaarramuu ibsameera.

Waliigala magaalaa Duukamitti Proojektoonni misoomaa birriin biiliyoonni 1.2 baasii itti ta’an 48 bakka hoggantoonni mootummaa olaanoo naannoo,federaalaa fi keessummoonni waamichi taasiifameef argamanitti eebbifamaniiru.

Dizzitaa Dassaalenyitu gabaase.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.