Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Dirree Dawaatti naannawaa daldalaa bilisaa eegalchiisuuf mariin gaggeeffame

Finfinnee, Waxabajjii 3, 2014 (FBC) –  Magaalaa Dirree Dawaatti naannawaa daldalaa bilisaa eegalchiisuuf mariin gaggeeffamuu ibsameera.

Ministirri Ministeera Geejjibaa fi Loojistikii Aadde Daagmaawit Mogas, Misensonni Mana Maree Loojistikii Biyyaalessaa fi hoggantoonni mootummaa federaalaa magaalaa Dirree Dawaatti haala naannawaa Daldalaa bilisaa eegalchiisuun danda’amurratti kaabinee magaalichaa waliin mari’ataniiru.

Naannawaan daldalaa bilisaa kun Paarkii Indaastirii magaalichaa daandii qilleensaa idil addunyaa,  geejjiba baaburaa fi lafarraan walitti qindeessuun akkasumas tajaajiloota baankii fi gumuruukaa waliin ga’uun gara hojiitti kan seenu ta’uu ibsaniiru.

Kunis akka biyyaatti dorgomtummaa loojistikii kan jijjiiru ta’uu eeruun, daldala alergii fi alaa galan saffisiisuun imala badhaadhinaa biyyattiin eegalte milkeessuuf shoora olaanaa qabaachuu kaasaniiru.

Hoggantoonni hojii mootummaa federaalaa gamasaaniin, magaalichatti mootummaan naannawaa daldalaa bilisaa hundeessuuf murteessuun riifoormii diinagdee biyyattiin milkeessuuf yaadeef haala mijataa kan uumu ta’uu eeraniiru.

Kantiibaan magaalichaa Obbo Kadir Juhaar, naannawaa daldalaa bilisaa magaalichatti hundeessuuf kutannoo mootummaan agarsiiseef galateeffachuun hojiirra oolmaasaaf qaamolee raawwachiistotaa federaalaa waliin qindoominaan kan hojjetan ta’uu mirkaneessuu ragaan Ministeera Geejjibaa fi Loojistikiirraa aegame ni mul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.