Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Dirree Dawaatti laabraatooriin qorannoo vaayrasii koroonaa hojii eegale

Finfinnee, Waxabajjii 6, 2012 (FBC) – Magaalaa Dirree Dawaatti laabraatooriin qorannoo vaayrasii koroonaa hojii eegaluu ibsame.
 
Ministir deettaan Ministeera Fayyaa Dooktar Darajjee Dhugumaan laabraatoorii kana eebbisuun hojii jalqabsiisaniiru.
 
Laabraatoorichi hojii eegaluun isaa dandeettii qorannoo guddisuu fi samuudaa magaalichaa fi naannawaa isaarraa fudhatame saffisaan ibsuuf kan gargaaru ta’uu Dooktar Darajjeen dubbataniiru.
 
Tattaaffii weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf taasifamu tumsuuf shoora olaanaa qabaachuus himaniiru.
 
Jilli Dooktar Darajjeen durfamu magaalaa Dirree Daawaatti hojiilee weerara vaayrasichaa ittisuuf hojjetaman daawwateera.
 
Sakkattoo mana marraan ragaan argame kallattiin gara giddugala qorannootti waan gabaafamuuf hojii ittisaa fi too’annoo ragaa guutuun deeggarame gaggeesuuf qooda olaanaa qabaachuu daawwannaa taasifameen hubatameera.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.