Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Dirree Daawaatti duullii sosochii ittisaa fi qorannoo Covid- 19 eegalame

Finfinnee, Hagayya 8, 2012 (FBC) – Magaalaa Dirree Daawaatti duulli sosochii ittisaa fi qorannoo vaayrasii koroonaa mata duree ‘sababa hin ta’u’ jedhuun eegalame.
 
Guyyaa har’aa qindeessummaa Biiroo Fayyaa bulchiinsa magaalichaan sagantichi ifatti eegaleera.
 
Sagantaa kanaan guyyoota 15 keessatti kutaa hawaasaa vaayrasichaaf saaxilamoo ta’an kuma 5 fi 131 qorachuuf gara hojiitti galamu hoggantuun Biiroo Fayyaa magaalichaa aadde Lamlam Bazzaabihi dubbataniiru.
 
Duula eegalame milkeessuuf qaamooleen dhimmi ilaallatuu fi hirmaannaan hawaasaa qooda olaanaa qabaachuu dubbataniiru.
 
Magaalichatti weerarri vaayrasichaa daraan babal’achaa jiraachuu itti aanaa Kaantibaan magaalaa Dirree Daawaa obbo Kadir Juhar ibsaniiru.
 
Dagannaan hawaasa birratti muul’atuu fi qaljeelfamni hojiirra ooluu dhabuun babal’achuu weerarichaaf sababa olaanaa ta’uu eeraniiru.
 
Dhiibbaa vaayrasichi qaqqabsiisaa jiru dandamachuu fi weeraricha ittisuuf deeggarsi Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa taasisu barbaachisuu ta’uu bakka bu’aan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa Dooktar Burmaa Saamboon dubbataniiru.
 
Akka Biiroon dhimmoota koominiikeeshiin mootummaa magaalichaa beeksisett,baniinsa sirnichaarrati kutaalee hawaasaaf qorannoon Covid-19 taasifameera.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.