Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Dambii Doolloottii hiriirri balaaleffannaa humnoota badii Juuntaa ABUT fi deeggarsa Raayyaa Ittisa biyyaatiif gaggeeffame

Finfinnee, Sadaasa 11, 2013 (FBC)- Godina Qellem Wallaggaa Magaalaa Dambii Doolloottii hiriirri balaaleffannaa humnoota badii Juuntaa ABUT fi deeggarsa Raayyaa Ittisa biyyaatiif gaggeeffame.

Hiriirri guyyaa har’aa bahame kutaa hawaasaa garagaraa hojjetaa mootummaa, daldaltoota, abbooti amantaa fi konkolaachistoota hunda kan hirmaachiseen gaggeeffameera.

Qaamolee nageenya biyyaa irratti miidhaa geessisuuf yaalan ni balaaleffanna, Raayyaa Ittisa biyyaa keenyaaf deeggarsa walirraa hin cinne ni taasifna, Juntaa Wayyaanee biyya diiguuf socho’u nuti ummanni qaama nageenya kabajisiisu waliin taanee ni injifannaa dhaadannoo jedhuun sagalee isaani dhageessisa oolaniru.

Kantiiban Bulchiinsa Magaalaa Dambii Doolloo obbo Iyyaasu Qannaa hawaasaa hiriira balaleeffanna kana irratti argaman galateeffachun, nageenyaa godina keenyaa, naannoo keenyaa fi biyyaa keenya kabachisuun hojii misoomaa eegalamee jiruu itti fufsiisuuf hunduu gahee irraa eegamuu bahuu akka qabus dhaamaniru.

Gantuu fi hattuun biyyaa keenyaa diiguu hindandeessuu, kaayyoo keenyaas karaarraa maqsuu hin dandeessuu.

Kanafuu hawaasnii jijjiirama amma argamee jiru of harkatti tikffachuun injjifannoo caaluuf of haa qopheessu akka qabuus dhaamaniru.

Raayyaa Ittisa Biyyaaf sangoota 24, qarshii kuma 250, Midhaan daakuu kuntaala 20 fi afata (firaashi) 20 deeggarsi taasiifameera.

Deeggarsichi bakka Preezdaantiin Akkadaami hooggansaa Mootummaa Federaalaa fi Miseensa Koree Giddu galeessaa Paartii Badhaadhina obbo Awwaluu Abdii argamanitti raawwatameera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo

https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.