Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Dajanitti Balaa Tiraafikaa mudateen lubbuun namoota shanii darbe

Finfinnee, Caamsaa 19, 2014 (FBC) – Godina Goojjam Bahaa Magaalaa Dajanitti balaa tiraafikaa dhaqqabeen namoonni 5 lubbuun darbuu Qajeelchi Poolisii Godinichaa beeksise.
Konkolaataan Waaliyaa qaxxaamuraa biyyaa Dabra Taaboor irraa gara Finfinnee imalaa turee, konkolaataa deddeebisaa ummataa gadi aanaa Dajanirraa gara Biichanaatti imalaa tureen walitti bu’uun balaa kana qaqqabsiisuu himameera.
Balaa kanaanis namoonni shan lubbuun isaanii darbeera.
Dabalataanis namoota 11 irraa miidhaan qaamaa cimaa fi salphaan dhaqqabuu qajeelchichi himeera.
Mancaatiin qabeenyaa dhaqqabuu fi ka’umsi balichaas poolisiidhaan qoratamaa jiraachuu ragaan Qajeelcha Poolisii Godinaa Goojjama Bahaarraa argame ni mul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.