Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Buraayyuutti waraqaan ragaa waldaalee mana jireenyaa fi qabiyyee durii jiraattotaaf laatame

Finfinnee, Caamsaa 7, 2013 (FBC)- Magaalaa Buraayyuutti waraqaa ragaa waldaalee mana jireenya, qabiyyee durii, ISA(DLD)  fi ‘Green area’ jiraattota magaalichaf laatameera.

Ragaan qabiyyee durii mirkanessuu fi kanneen  biroo mirga wabii abbaa qabiyyummaa abbootii qabiyyee lafaa dhugoomsuu kun bakka Afaa Yaa’ii Caaffee Oromiyaa aadde Loomii Badhoo fi hoggantonni naannicha biroo argamanitti laatameera.

Bulchiinsi magaalicha waldaalee mana jireenyaaf gurma’anii 55,  lafa qonnan bultoota qabiyyee durii 319,  namoota waggootan darbanii sababa gargaraan mana amalaa sirreessaa turan, invastaroota magaalichaaf kanneen biroo walii  galan  waraqaan ragaa lafaa abbaa qabiyyummaa 1708 kennamu itti gaafatamaan wajjiraa itti fayyadamaa lafaa bulchiinsa magaalaa Buraayyuu obbo Leejjisaa Jootee himaniiru.

Aaddee Loomiin haasaa taasisaaniin, mootumman hanqina manneen jireenya naannichaa mudata jiru furuuf  hojjechaa jiraachuu himaniiru.

Namoonni waldaan gurma’uun carraa mana jireenyaf waraqaa ragaa fudhatan qabiyyee abbaa lafumma argataniif kanneen biroo gammadoo ta’uu himaniiru.

Gammachuu Beekumatu gabaase

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.