Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Buraayyuutti hiriirri balaaleffannaa garee shororkeessaa ABUT gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Onkoleessa 26, 2014 (FBC)- Jiraattoonni magaalaa Buraayyuu har’a ganama hiriira deeggarsaa raayyaa ittisa biyyaa fi balaaleffannaa garee shororkeessaa ABUT fi deeggartoonni isaa ni balaaleffanna jechuun hiriira bahaniiru.

Qeerroo, qarreewwanii fi uummanni Oromoo fi Sabaafi sablammoonni garagaraa imaanaa abbootiin keenya nutti kennan galmaan geenya jedhan.

Hirattoonni hiriirichaas abbootiin keenya biyya har’a keessa jirru dhiiga isaanii dhangalaasuun, lafee isaanii cabsuun, lubbuu isaanii bakka bu’insa hinqabne aarsaa taasisanii nuuf dabarsanii keennan oormaaf hin laannus jedhaniiru.

Ityoophiyaan biyya sabaa fi sablammiiti.kanaafuu nuti biyya keenya gantuuf dabarsinee hin laannu jedhan.

Olola sobdootaa hin fudhannu. Biyya keenya eeguuf nuti waardiyaadha.

Wayyaaneen dhagaadhaan ari’amte meeshaadhaan hin dadhabnu. yoomiyyuu taanaan hin milkaahuufii jedhan.

Shaneen ergamtuu wayyaaneeti duras,ammas,tokkummaadhaan diinota keenya ni injifanna.

Waliin taanee Juuntaa ni dhabamsiifna jedhan.

Ijoollee keenya garbummaa hin dhaalchifnu jedhaniiru.

Kaffaloo Shirraatu gabaase

Naannoo keessaan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.