Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Buraayyuutti harka qalleeyyii 100 ol ta’aaniif deeggarsi taasifame

Finfinnee, Qaammee 5, 2013 (FBC)- Bulchiinsa Magaalaa Buraayyuutti Waajjirri Dhimma Hojjetaa fi Hawwaasummaa ayyaana bara haaraa sababbeeffachuun namoota harka qalleeyyii tahan 100 oliif deeggarsa midhaan nyaataa fi meeshaalee barnootaa taasiseera.

Itti gaafatamtuun waajjirichaa aadde Bayyanuu Araddoo duuressoota magaalichaarraa walitti qabuun deeggarsi taasifamee Birrii kuma 500 olitti kan tilmaamamu ta’uu himaniiru.

Itti dabaluunis hojiin deeggarsa harka qalleeyyiif taasifamuu, hojii yeroo ayyaana waggaa qofa hojjetamu osoo hin taane,hojii yeroo hundaa ta’uu qaba jedhaniiru.

Namoota harka qalleeyyii deeggarsi laatameef keessaa,namoonni Abbaan warraa adda waraana jirachuu himuu ragaan waajjira kominikeeshinii magaalaa Buraayyuurraa argamee ni muul’dhisa.

Feesbuuki keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.