Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Bulee Horaatti proojektiin ijaarsa Siidaa Bariisoo Dukkallee Birrii miiliyoona 8.4 ijaaramu eegale

Finfinnee, Bitootessa 29, 2014 (FBC) – Magaalaa Bulee Horaatti proojektiin ijaarsa Siidaa Bariisoo Dukkallee Birrii miiliyoona 8.4 ijaaramu eegaleera.

Ijaarsi proojektii siidaa nama qabsaawaa beekamaa Gujii Bariisoo Dukkallee Birrii miiliyoona 8.4 kan hojjetamu ta’uu ibsameera.

Jalqabbii proojektii kanaatiin dura galma Odaa Yuunvarsitii Bulee Horaatti seenaan qabsoo Bariisoo Dukkallee dhihaateera.

Proojektichis bakka bulchaan godina Gujii Lixaa fi hoggantoonni Yuunvarsitii Bulee Horaa argamanitti jalqabsiifameera.

Bulchaan Godina Gujii Lixaa Obbo Jambaruu Abbabaa, godinichi rakkoo nageenya dhabuu keessa jiraatus hojiin gama nageenyaa dhugoomsuf hojjetamu jajjabeessaadha jedhaniiru.

Proojektiin ijaarsa siidaa Bariisoo Dukkallee kunis qaama hojii misoomaa godinichaa tahuus dubbatan.

Itti aanaan preezdaantii Yuunvarsitii Bulee Horaa Dooktar Gumii Boruu, Bariisoo Dukkallee nama ofiif qofa osoo hin taane Ummataaf jiraate waan taheef, seenaan isaa dhaloota ammaatiif galaa ta’uu qaba jedhan.

Dhalooti ammaas daandii inni saaqe itti fufsiisuuf, kaayyoon isaa barnoota nuuf ta’uu qaba jechuun himuusaanii ragaan waajjira preezdaantii naannoo Oromiyaarra argame ni muul’isa.

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.