Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Bulee Horaatti manni murtii aadaa hundeeffame

Finfinnee, Muddee 21, 2014 (FBC)- Godina Gujii Lixaa Bulchiinsa Magaalaa Bulee Horaatti Manni Murtii aadaa hundeeffameera.

Hundeeffama Mana Murtii aadaa kanarratti Preezdaantiin Mana Murtii Olaanaa Godina Gujii Lixaa Obbo Siidaa Buudee, Manni Murtee aadaa haqa hawaasaa dhaqqabamaa gochuuf faayidaa olaanaa qabaachuu dubbatan.

Akkaataan gurmaa’insa mana murtichaa haqa mirkaneessuu keessatti faayidaa olaanaa qaba, mirgi oliyyannoo mana murtee aadaa kana keessatti daran kabajamaadha jedhaniiru.

Preezdaantiin Mana Murtii Aanaa Bulee Horaa Obbo Dammallaash Dhugaasaa Manni Murtii aadaa mirgootaa fi dirqamoota labsiin kenneefitti gargaaramuun akkaataa safuu Oromoo kabajuun barbaachisutti murtee haqaa akka kennuuf aangoo guutuun akka kennameef himuusaanii OBN gabaaseera.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.