Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Bishooftuutti hojiin misooma Koriidarii Birrii biiliyoona 3.4 oliin hojjetamaa jira

Finfinnee, Adoolessa 15, 2016 (FBC) – Magaalaa Bishooftuu naannawaa Harawwan 7 fi daandiwwan ijoorratti hojiin misooma Koriidarii Birrii biiliyoona 3.4 oliin hojjetamaa jiraachuu bulchiinsi magaalichaa beeksise.

Hojiin Misooma Koriidarii kun daandiiwwan gurguddoo 9 qorannoon adda bahanirratti eegalamuu Kaantibaan magaalichaa Alamaayyuu Asaffaan himaniiru.

Hojiin kun naannawaa Harawwan magaalichatti argaman 7 irrattis hojjetamaa jiraachuu kaasaniiru.

Piroojektichi daandiwwan miidhaksuu, misooma magariisaa, bakka bashannan daa’immanii fi kanneen biroo kan of keessatti hammatu ta’uu himuu TOI gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.