Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Bishooftuutti Ayyaana Hiiikaa sababeeffachuun humna addaa magaalaa Bishooftuu jiranii fi harka qalleeyyiif deeggarsi taasiifame

Finfinnee, Eebila 16, 2014 (FBC) – Bulchiina magaalaa Bishooftuutti Ayyaana Hiikaa sababeeffachuun humna addaa magaalaa Bishooftuu jiranii fi harka qalleeyyiif deeggarsi taasiifameera.

Sangootni 9, Hoolotni 30, Lukkuu fi hanqaaquu,akkasumas Zayitni nyaataa qaamolee kanneeniif deeggarsaan kennameera.

Ayyaana sababeeffachuun qofa osoo hin taane Aadaa wal cinaa dhaabbachuu fi walgargaaruun fuula duraas cimee kan itti fufuu akka qabu Kantiibaan magaalaa Bishooftuu obbo Alamaayyoo Asaffaa eeraniiru.

Waldaan Ifa fayyina addunyaa namoota harka qalleeyyii 55 magaalaa Bishooftuu keessa jiraataniif deeggersa taasiisuu ibsameera.

Waajjira Kominikeeshinii Bulchiinsa magaalaa Bishooftuu fi Gammachuu Beekumaatu gabaase

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.