Magaalaa Baatiitti fanjiin dhohee namoonni 4 yoo du’an namoota 5 irra miidhaa cimaan qaqqabe
Finfinnee, Caamsaa 9, 2014 (FBC) – Magaalaa Baatiitti fanjiin dhohee namoonni 4 yoo du’an namoota 5 irra miidhaa cimaan qaqqabuu ibsame.
Guyyaa har’aa naannoo sa’aatii 8:30 magaalaa Baatii ganda 03 bakka Addisuu Safar jedhamuun beekamutti namni dhuunfaa fanjii gareen shororkeessaa ABUT gatee adeeme osoo hin beekiin wayita tuttuquu fanjichi harkaa dhohuun namicha dabalatee lubbuun daa’ima 3 darbuu poolisiin magaalichaa ibseera.
Dabalataanis dubartoota 2 fi daa’imman 3 irratti miidhaa cimaan qaqqabuu poolisiin beeksisseera.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.