Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Asoosaatti Siimpoziyeemiin kalaqaa fi qorannoo gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Waxabajjii 8, 2014 (FBC) – Naannoo Beenishaanguul Gumuz Magaalaa Asoosaatti qopheessummaa Ejansii Komunikeeshinii Odeeffannoo Saayinsii fi Teeknooloojiin Siimpoziyeemiin kalaqaa fi qorannoo gaggeeffamaa jiraachuu ibsameera.
Siimpoziyeemichi mata duree ‘Kalaqnii fi Qorannoon guddina biyyaaf’ jedhuun gaggeeffamaa jiraachuu ibsameera.
Barattoonni manneen Barnootaa sadarkaa 1ffaa fi 2ffaa godinaalee fi aanaalee naannichaa keessatti argaman bu’aa kalaqa isaanii dhiyeessaa jiru jedhame.
Daayreektarri olaanaan Ejansii Komunikeeshinii Odeeffannoo Saayinsii fi Teeknooloojii naannichaa obbo Tamasgeen Hayiluu Siimpoziyeemichi yeroo jalqabaaf kan gaggeeffame ta’uu ibsaniiru.
Kaayyoon isaas abbootii kalaqaa fi qorannoo jajjabeessuurra darbee hojiilee kalaqaa fi qorannoo biyyaa fi naannichaaf bu’aa qaban babal’isuuf ta’uu himaniiru.
Barattoota hojii kalaqa isaaniin sadarkaa 1ffaa hanga 3ffaatti ba’aniif badhaasnii fi beekkamtiin kan kennamu ta’uu ibsaniiru.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.