Magaalaa Asallaatti dhaabbilee daldalaa seeraan ala hojii daldalaa gaggeessan 240 irratti tarkaanfii fudhamuu ibsame
Finfinnee, Sadaasa 3, 2014 (FBC) – Magaalaa Asallaatti dhaabbilee daldalaa seeraan ala hojii daldalaa gaggeessan 240 irratti tarkaanfii fudhamuu Waajjirri Daldalaa fi Misooma Gabaa magaalichaa beeksiise.
Dhaabbileen daldalaa seeraan ala hojii daldalaarratti bobba’an 160 saamsamuu Itti gaafatamaan Waajjira Daldalaa fi Misooma Gabaa magaalichaa obbo Ganamoo Nagawoo ibsaniiru.
Dhaabbilee daldalaa 80 ammoo of eeggannoon dhumaa laatamuu himaniiru.
Namoonni dhuunfaan 5 to’annoo seeraa jala ooluu eeraniiru.
Hojiin dhaabbilee seeraan ala socha’aa jiranii qulqulleessuu fi gara seeratti deebisuu cimee kan itti fufu ta’uu ibsameera.
Eermiyaas Boggaalatu gabaase.
Naannoo keessaan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.