Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Amboo fi Naannawaa isheetti filannoon biyyaalessaa marsaa 6ffaan gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Waxabajjii 14, 2013 (FBC) – Magaalaa Amboo fi Naannawaa isheetti filannoon biyyaalessaa marsaa 6ffaan haala tasgabbii qabuun gaggeeffamaa jira jedhame.
Uummanni magaalichaa sa’aatii11:30 irraa eegalee gara buufata filannoo deemuun sagalee isaanii kennaa jiruu.
Namni sagalee keenya kennineef injifates injifachuu baatuus bu’aa sagalichaa fudhachuun yeroo itti aanuuf qophaa’uun barbaachisaadha jedhan jiraattoonni.
Hunda dura biyyatu dursa waan ta’eef tokkoo taanee nageenya biyya keenyaaf hojjechuu qabna jedhaniiru.
Filannoo kanarratti qaama miidhamtoonnis hirmaachaa jiru jedhame.
YidnaqaschooH/Maariyaam
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraamahttps://t.me/afanoromofana
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.