Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Adaamaatti mariin nageenyaa gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Guraandhala 2, 2016 (FBC) – Magaalaa Adaamaatti mariin nageenyaa jiraattoota magaalaa Adaamaa fi Godina Shawaa Bahaa hirmaachise gaggeeffamaa jira.

Mariin kun mata duree ‘Obbolummaa sab-daneessa nageenya waaraa fi badhaadhina hunda galeessaaf’ jedhuun gaggeeffamaa jira.

Kaayyoon marii kanaas, ummanni haala qabatamaa siyaasaa, dinagdee, hawaasummaa fi nageenyaa biyyaaleessaa fi naannoo irratti mootummaa waliin marii bilchina qabu gaggeessuun furmaata isaaf tumsa akka taasiisuuf ta’uu eerameera.

Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa, Pireezidaantii Naannoo Amaaraa Obbo Aragga Kabbadaa dabalatee hoggantoonni mootumma federaalaa fi naannolee waltajjii kanarratti argamaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.