Magaalaa Adaamaatti gaaffii uummataa deebisuuf proojektoonni misoomaa 250 hojjetamaa jiraachuu ibsame
Finfinnee, Eebila 5, 2014 (FBC)-Bulchiinsi magaalaa Adaamaa gaaffii uummataa deebisuuf proojektoota misoomaa 250 hojjetaa jiraachuu beksiseera.
Proojektiwwan kunneen baajata mootummaa fi hawaasarraa argame Birrii biiliyoona 1 fi miiliyoona 400 akkasumas maddoota garaagarraa argameen raawwatamaa jiraachuu hoji gaggeessaan magaalichaa obbo Zarfuu Asaffaaw himaniiru.
Jiraattoonni magaalichaas gama isaaniin qulqullinaa fi waliinga’iinsarratti rakkoo akka qaban himaniiru.
Hawaasni bu’uraalee misoomaa hojjetaman kunuunsu akka qaban akeekkachiisaniiru.
Afawarq Iyaayyuutu gabaase
Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.