Magaalaa Adaamaatti Diyaaspoorotaaf sagantaan baga nagaan dhuftanii fi galateeffannaa qophaa’e
Finfinnee, Amajjii 7, 2014 (FBC) – Magaalaa Adaamaatti Diyaaspoorotaaf sagantaan baga nagaan dhuftanii fi galateeffannaa qophaa’eera.
Saganticharratti Preezdaantiin naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan gama Ittaanaa Preezdaantii naannoo Oromiyaa obbo Awwaluu Abdiin ergaa dabarsaniiru.
Ergaasaaniin, Ityoophiyaan yeroo qormaata birmadummaa keessa seentee turtetti biyya keenya hin tuqsiisnu jettanii karaa garaagaraa falmaa fi dhugaa Ityoophiyaa ifa baasaa waan turtaniif isin ambaasaaddaroota Ityoophiyaati jedhaniiru.
Hojii dippiloomaasii hojjettaniin bu’aa argamsiisuun Ityoophiyaa injifattuu taasiftaniittu kanaaf ammo Ityoophiyaan isin galateeffatti jedhan.
Ammas yeroo biyyi isin barbaaddetti waamicha ishee fudhachuun asitti argamuun keessan waa’een biyya keessanii akka dhaabbileen miidiyaa tokko tokko gabaasan akka hin taane kan itti saaxiltanidha jedhan ergaasaaniin.
Turtiisaaniitiin lammiilee miidhamanii fi dhaabbilee barbadaa’an daawwachuun lammiileesaanii deeggaruu akka qaban yaadachiisaniiru.
Diinagdee biyyaa guddisuuf qabeenya biyyaa hin tuqamiin jiru hubachuun hojiilee misoomaa fi invastimantii garaagaraarratti akka hirmaatan waamicha taasisaniiru.
Hirphoo Shoboo fi Firehiwoot Saffiiwutu gabaase.
Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.